avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
29.03.2026 16:11
18
4 4.3K
avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
29.03.2026 16:11
Iraan dabalataan Dooniiwwan Paakiistaan 20f Hulaa Hormuuz saaqxe
******************************************

Iraan dabalataan Dooniiwwan maqaa Paakiistaaniin galmaahan 20f karaa Hulaa Hormuuz (Strait of Hormuz) kan torbanootaaf cufamee tureen akka darban hayyamuu ishee Paakiistaan mirkaneessiteetti.

Ministirri Alaa Paakiistaan Iishaaq Daar, murtii kana fuula 'X' isaanii irratti kan mirkaneessan yoo ta’u, tarkaanficha "kan dinqisatamuu fi kan jajjabeeffamudha" jedhaniiru.

"Tarkaanfiin Iraan kun mallattoo nageenyaa fi naannichatti tasgabbii fiduuf kan gargaarudha; marii fi dippiloomaasiin lolaaf furmaata waaraa fiduu danda'u" jedhaniiru ministrichi.

Paakiistaan dhimma waraana Giddugala Bahaa irratti karoora marii biyyoota afurii (Tuurkiyyee, Paakiistaan, Ijiptii fi Sa’udii Arabiyaa) har’a (Dilbata) magaalaa Islaamaabaaditti qopheessiteetti.

Waraana Ameerikaa-Israa’elii fi Iraan gidduutti uumameen kallaattiidhaan Hulaan Hormuuz ji’a Bitootessaa jalqabaa irraa eegalee cufamee tureera.

Waraanni kun uummamuun dura guyyaatti giddugaleessaan Dooniiwwan 138 karaa Hulaa Galaana kanaan darbaa turan.

Tarkaanfiin kun dhiibbaa dinagdee addunyaa irratti dhufee ture xiqqoo laaffisuu danda'a jedhameet abdatama.

#EBC #MiddleEast #Iran #USA #Israel #worldaffairs
18
👍 3
🔥 3
1 4K
avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
29.03.2026 14:41
9
3.1K
avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
29.03.2026 14:41
Hulaa Galaanaa - Furtuu Bilisummaa Dijitaalaa keenyaa
************************************

Jaarraa 21ffaa keessa faayidaan Hulaa Galaanaa daldala meeshaalee qofaan hin daanga’u; mallattoo boonicha biyyaa, humna dinagdee fi birmadummaa dijitaalaati.

Intarneetiin addunyaa sararoota Keebilii gurguddoo Galaana jalaan diriiraniin walitti hidhama.

Biyyoonni akka Jibuutii, Keeniyaa fi Afriikaa Kibbaa qarqara Galaanaa isaanii fayyadamuun misooma bu’uuraalee dijitaalaa hedduu keessummeessanii giddugala teeknooloojii naannichaa ta’uu danda’aniiru.

Hulaa Galaanaa dhabuun keenya iccitii odeeffannoo, nageenya Saayibarii fi diriirsa misooma bu’uuraalee keenyaa dhiibbaa biyya alaatiif saaxila.

Birmadummaa guutuun kan mirkanaahu lafaa fi qilleensaan qofa otoo hin taane, misooma bu’uuraalee Galaana jalaa of danda’anii to’achuun yoo danda’amedha.

Itoophiyaan karaa nagaa fi seeraan Hulaa Galaanaa argachuuf tattaaffiin gochaa jirtu, wabii guddina dinagdee, nageenya biyyaalessaa fi bilisummaa dijitaalaa dhaloota boruutiif mirkaneessuufi.

Hulaa Galaanaa argachuun birmadummaa dijitaalaa keenyaaf murteessaadha!

Ediitooriyaalii EBC Dotstream
14
1 3.9K
avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
18.03.2026 13:42
26
👍 9
6 2 6.3K
avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
18.03.2026 13:42
👍 12
1 4.8K
Открыть в Telegram