Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 29.03.2026 16:11 Скопировать Пожаловаться Etv Afaan Oromoo Iraan dabalataan Dooniiwwan Paakiistaan 20f Hulaa Hormuuz saaqxe ****************************************** Iraan dabalataan Dooniiwwan maqaa Paakiistaaniin galmaahan 20f karaa Hulaa Hormuuz (Strait of Hormuz) kan torbanootaaf cufamee tureen akka darban hayyamuu ishee Paakiistaan mirkaneessiteetti. Ministirri Alaa Paakiistaan Iishaaq Daar, murtii kana fuula 'X' isaanii irratti kan mirkaneessan yoo ta’u, tarkaanficha "kan dinqisatamuu fi kan jajjabeeffamudha" jedhaniiru. "Tarkaanfiin Iraan kun mallattoo nageenyaa fi naannichatti tasgabbii fiduuf kan gargaarudha; marii fi dippiloomaasiin lolaaf furmaata waaraa fiduu danda'u" jedhaniiru ministrichi. Paakiistaan dhimma waraana Giddugala Bahaa irratti karoora marii biyyoota afurii (Tuurkiyyee, Paakiistaan, Ijiptii fi Sa’udii Arabiyaa) har’a (Dilbata) magaalaa Islaamaabaaditti qopheessiteetti. Waraana Ameerikaa-Israa’elii fi Iraan gidduutti uumameen kallaattiidhaan Hulaan Hormuuz ji’a Bitootessaa jalqabaa irraa eegalee cufamee tureera. Waraanni kun uummamuun dura guyyaatti giddugaleessaan Dooniiwwan 138 karaa Hulaa Galaana kanaan darbaa turan. Tarkaanfiin kun dhiibbaa dinagdee addunyaa irratti dhufee ture xiqqoo laaffisuu danda'a jedhameet abdatama. #EBC #MiddleEast #Iran #USA #Israel #worldaffairs ❤ 18 4 4.3K
Обсуждение 4
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram