Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 18.03.2026 13:42 Скопировать Пожаловаться Etv Afaan Oromoo “Maaddii qooduun jaalalaa fi kabaja uummata keenyaaf qabnu kan ittiin agarsiisnudha" - Kantiibaa Adaanach Abeebee ****************************** Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee, Ayyaana Iid-al-Faxir bara 2018 sababeeffachuun, lammiilee kuma 100 ol ta’aniif maaddiin qoodamuu himan. Lammiilee galii gadi aanaa qaban, harka qalleeyyii, miidhamtoota qaamaa fi warra biyyaaf oolmaa oolaniif Zayitii, Daakuu fi Ruuziin kennameera. Bulchiinsi magaalichaa baatii Ramadaanaa keessa wiirtuuwwan nyaataa 28 keessatti sagantaa Ifxaaraa qopheessuun, lammiileen kuma 27 ol ta’an rakkoo malee akka sooman gochuu isaa Kantiibaa Adaanach eeraniiru. Abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee deeggarsa kanaaf tumsanis Kantiibaa Adaanach galateeffataniiru. Keessattuu, Hogganaa ol’aanaa Miidirook Invastimant Giruupp obbo Jamaal Ahimadii fi Itoophiyaatti Embaasii Emireetota Araba Gamtoomaniif galata addaa dhiheessaniiru. "Maaddii qooduun kan nuti jaalalaa fi kabaja uummata keenyaaf qabnu ittiin ibsannudha," jechuun Kantiibaa Adaanach Abeebee fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii ergaa dabarsaniiru. 👍 12 1 4.8K
Обсуждение 1
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram