Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 29.03.2026 14:41 Скопировать Пожаловаться Hulaa Galaanaa - Furtuu Bilisummaa Dijitaalaa keenyaa ************************************ Jaarraa 21ffaa keessa faayidaan Hulaa Galaanaa daldala meeshaalee qofaan hin daanga’u; mallattoo boonicha biyyaa, humna dinagdee fi birmadummaa dijitaalaati. Intarneetiin addunyaa sararoota Keebilii gurguddoo Galaana jalaan diriiraniin walitti hidhama. Biyyoonni akka Jibuutii, Keeniyaa fi Afriikaa Kibbaa qarqara Galaanaa isaanii fayyadamuun misooma bu’uuraalee dijitaalaa hedduu keessummeessanii giddugala teeknooloojii naannichaa ta’uu danda’aniiru. Hulaa Galaanaa dhabuun keenya iccitii odeeffannoo, nageenya Saayibarii fi diriirsa misooma bu’uuraalee keenyaa dhiibbaa biyya alaatiif saaxila. Birmadummaa guutuun kan mirkanaahu lafaa fi qilleensaan qofa otoo hin taane, misooma bu’uuraalee Galaana jalaa of danda’anii to’achuun yoo danda’amedha. Itoophiyaan karaa nagaa fi seeraan Hulaa Galaanaa argachuuf tattaaffiin gochaa jirtu, wabii guddina dinagdee, nageenya biyyaalessaa fi bilisummaa dijitaalaa dhaloota boruutiif mirkaneessuufi. Hulaa Galaanaa argachuun birmadummaa dijitaalaa keenyaaf murteessaadha! Ediitooriyaalii EBC Dotstream ❤ 14 1 3.9K
Обсуждение 0
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram