avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
18.03.2026 10:48
Ameerikaa hanga Eeshiyaatti: Qajeelfamoota haaraa muudannoo hir’ina Boba’aa damdamachuuf bahan
********************************

Waraana Giddugala Bahaatti uumameen walqabatee cuffamuun Ulaa Hormuuz (Strait of Hormuz) gatiin boba’aa addunyaa irratti akka olka’u taasiseera.

Kunis biyyoonni akka Ameerikaa, Firaans, Jarmanii fi Jaappaan lammileen isaanii fayyadama Boba’aa akka hir’isaniif qajeelfamoota adda addaa baasuun hojiirra oolchaa jiru.

Tarkaanfiiwwan Biyyoota Gurguddoo keessatti fudhataman:

✅ Ameerikaa Keessatti: Gatiin Boba’aa garmalee dabaluun qajeelfamoonni qusannaa ba’aniiru.

Fakkeenyaaf, Kaalifoorniyaa keessatti hojjettoonni mootummaa torbanitti guyyoota sadi manaa ta’anii akka hojjetan (Work from home) ajajameera.

Akkasumas, lammileen konkolaataa dhuunfaa dhiisanii Baabura Elektiriikaa fi Awutoobisii uummataa akka fayyadaman waamichi dhiyaateera.

✅ Awurooppaa Keessatti: Cuffamuun Ulaa Hormuuz dhiheessii boba’aa fi gaasii uumamaa irratti dhibbaa guddaa uumeera.

Firaans, Jarmanii fi Neezerlaand lammileen isaanii Boba’aa qusachuuf Biskileetii fi konkolaattota Elektiriikaa akka fayyadaman jajjabeessaa jiru.

✅ Eeshiyaa Keessatti: Jaappaan fi Kooriyaa Kibbaas dabala gatii boba’aa addunyaa hordofuun qajeelfamoota qusannaa haaraa baasaa jiru.

Dhiibbaa dinagdee kanaan damdamachuuf addunyaan gara madda annisaa haaraatti (Renewable Energy) fi fayyadama qusannaa qabuutti xiyyeeffannoo kennaa jirti.
8
👍 2
4.1K

Обсуждение 0

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram
Открыть в Telegram