Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 17.03.2026 11:31 Скопировать Пожаловаться Mee Tilmaamaa ! Shaampiyoons Liigii Awurooppaa – Maanchiistar Siitiin Riyaal Maadriidii waliin, Cheelsiin ammoo PSG waliin taphoonni taphatan ni eeggama ********************************* Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin taphoonni deebii afur har'a galgala taphataman haalaan eeggamu. Maanchiistar Siitiin Riyaal Maadriidii waliin har’a galgala sa'aatii 5:00 irratti Istaadiyeemii Iitihaaditti ni taphatu. Gareen lamaan tapha torbee dura Istaadiyeemii Barnaabaawutti taphatame irratti Maadriid 3 fi 0n injifachuun isaa ni yaadatama. Siitiin tapha marsaa itti aanutti darbuuf goolii sadii oliin injifachuun irraa eeggama. Tapha biraatiin, Cheelsiin PSG waliin har’a galgala sa'aatii 5:00 irratti Istaamfoord Biriijitti ni taphatu. Gareen lamaan tapha jalqabaa kanaan dura De Piriinsitti taphataniin, ‘PSG’n 5 fi 2n injifachuun isaa ni yaadatama. Arsenaalii fi Baayer Leverkusan ammoo Istaadiyeemii Emireetisitti galgala sa'aatii 5:00 irratti ni taphatu. Tapha duraa irratti 1 fi 1 wal qixa bahuun isaanii ni yaadatama. Tapha har’aa kanaan gareen injifatu gara marsaa itti aanutti darbuuf carraa bal'aa qaba. Ispoortiing Liisbanii fi Boodoo Giliimt waliin galgala sa'aatii 2:45 irratti wal argu. Boodoo Giliimt tapha jalqabaa 3 fi 0n waan injifateef carraa guddaa qaba. ❤ 5 2 4.8K
Обсуждение 2
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram