avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
11.03.2026 10:47
ootinhaam 5 fi 2n yoo moo’amu Baayer Muuniik ammoo 6 fi 1n injifate
*****************************

Taphoota moo’atanii darbuu Shaampiyoons Liigii Awurooppaa edaa galgala taphatameen qabxiiwwan namatti tolanis ta’e kanneen rifachiisoon galmaahaniiru.

Tapha jalqabaa moo’atanii darbuu Shaampiyoons Liigii Awurooppaa Istaadiyeemii Waandaa Meetiroopoliitaanootti taphatame irratti, Atileetiko Maadriid Tootinhaam Hootispar 5 fi 2n injifateera.

Huuliyaan Alvaareez goolii lama, Maarkas Looreentee, Antuwaan Giriizmaan fi Roobiin Noormaand ammoo Atileetiko Maadriidiif goolii tokko tokko galchaniiru.

Peedroo Pooroo fi Doomiiniik Solaankee Tootinhaam Hootispariif goolii galchan.

Kilabni Ingilaand Tootinhaam kan Piriimyier Liigii keessatti gaaga’ama qabxiitiin gidirfamaa jiru, waltajjii Awurooppaa irrattis moo’amuu rifaasisaan isa muudateera.

Baayer Muuniik dirree isaatiin alaatti kilaba Itaalii Ataalaantaa 6 fi 1n lafaan dhaheera.

Tapha kana irratti Miisheel Oliisee goolii lama, Jooseef Istaanchii, Sarji Ginaabree, Niikoolaas Jaaksanii fi Jamaal Musiyaalaa Baayer Muunikiif goolii galchaniiru.

Ataalaantaaf ammoo Paasaaliich goolii galcheera.

Tapha moo’atanii darbuu kana irratti Itaalii kan bakka bu’e kilabni Beergaamoo Ataalaantaan, dorgommii kana keessaa geggeeffamuun isaa dhibbeentaa 90 ol mirkanaaheera.

Taphi Niiwukaastiil fi Baarseloonaa Istaadiyeemii Seenti Jeems Paarkitti taphatame goolii 1 fi 1n xumurameera.

Haarvii Baarnis Niiwukaastiiliif goolii tokko galchuun dursee kan ture yoo ta’u, Laamiin Yaamaal daqiiqaa dhumaa irratti rukuttaa adabiitiin Baarseloonaaf goolii wal qixxeessituu galcheera.
13
2 1 6.1K

Обсуждение 2

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram
Открыть в Telegram