avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
05.03.2026 11:41
Daqiiqaa 45 taphattoota 10niin kan taphate Niiwukaastil Maanchiistar Yuunaayitid injifate
********************************
Piriimiyer Liigii Ingilaand torbee 29ffaa irratti, Niiwukaastil Yuunaayitid 2 fi 1n Maanchiistar Yuunaayitid injifateera.

Tapha Istaadiyeemii Seent Jems Paarkitti taphatameen, Antoonii Goordan rukuttaa adabbiitiin, akkasumas Osuulaan daqiiqaa dhumaa irratti Niiwukaastiliif goolii lamaan galchaniiru.
Niiwukaastil Yuunaayitid daqiiqaa 45ffaa walakkaa jalqabaa irratti taphataan isaa Jaakoob Raamsee kaardii diimaatiin waan dhabeef, tapha walakkaa lammaffaa taphattoota 10 qofaan taphachuuf dirqameera.

Haata’u malee, qabxii sadii murteessaa ta’e argachuu danda’eera.

Ruubin Amoriimin bakka bu’uun gara Oold Tiraafoord kan dhaqe Maayikil Kaariik, erga garee kana leenjisuu eegalee booda yeroo jalqabaatiif moo’ameera.

Sadarkaa 3ffaa irra kan jiru Maanchiistar Yuunaayitid, carraa qabxii isaa ittiin guddisuuf qabu otoo hin fayyadamin hafeera.
38
🥰 5
😁 3
👍 2
🔥 1
1 1 8.6K

Обсуждение 1

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram
Открыть в Telegram