avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
25.02.2026 10:40
Pirezidaantiin Israa’eel Ayizaak Heerzoog daawwannaa hojiitiif Finfinnee dhufan
**************************
Pirezidaantiin Israa’eel Ayizaak Heerzoog daawwannaa hojiitiif har'a Finfinnee dhufaniiru.

Pirezidaantichi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee wayita gahan, Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Xiimootiiwoos (PhD) fi Ministirri De’eetaa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simataniiru.

Pirezidaantichi Itoophoyaa wayita turanitti, qondaaltota mootummaa ol’aanoo waliin dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsan irratti ni mari’atu jedhameet eeggama.

#EthiopianBroadcastingCorporation #Israel #Ethiopia
43
7 1 7.5K

Обсуждение 7

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram
Открыть в Telegram