Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 19.02.2026 13:26 Скопировать Пожаловаться Sirna Jalqabsiisa Ijaarsa Pirojeektii Indaastirii Nyaata Qindaahaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa - Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ********************************* Ergaa Muummee Ministeeraa Abiyyi Ahimad (PhD) Ijaarsi Indaastirii Nyaataa Qindaahaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa har’a jalqabsiifne, daakuu Boqqoolloo fi Mishingaa dabalatee, bu’aalee Boqqoolloo biroo 14 omishuuf kan karoorfamedha. Pirojeektiin kun yeroo xumuramee hojii jalqabu, guyyaatti Boqqoolloo toonii 2,000 fi Mishingaa toonii 120 omishuu danda’a. Lammiilee 6,500 oliif carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumu yoo ta'u, qonnaan bultoota naannoo, waldaalee hojii gamtaa fi omishtoota dhuunfaatiif hidhata gabaa bal’aa uuma. Omisha qonnaan bulaa gara indaastiriitti ceesisuun, dinagdee naannichaa ni guddisa. ❤ 40 👍 18 👎 2 3 7.4K
Обсуждение 3
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram