Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 11.02.2026 11:30 Скопировать Пожаловаться Ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ******************************* Itoophiyaan jila ol'aanoo walgahii Gamtaa Afrikaa 39ffaa fi Walgahii Itaalii-Afrikaa 2ffaa irratti hirmaatan simachuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophii xumurtee jirti. Galmawwan walgahii sadarkaa idil-addunyaa qulqullina ol'aanaa fi haala ammayyaawaa ta'een ijaaraman akkasumas iddoowwan daawwannaa Tuuriistootaa mijatoo fi ammayyaawaa fuula keenya haaraadhaan dabaalamaniin, turtiin keessan yeroo kamiyyuu caalaa adda akka ta'u isiniif mirkaneessina. Galmawwan walgahii kanaan alatti, guddina damee Tuuriizimii haaraa Afrikaanotaan durfamu kana, hirmaattonni akka daawwatanii fi tuurtii isaanii akka dheeressan waamicha koon dhiheessa. ❤ 24 1 9.9K
Обсуждение 0
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram