avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
05.02.2026 08:11
Maanchister Siitiin tapha xumuraatiif darbe
*****************************

Tapha deebii walakkaa xumuraa ‘Liig Kaappi’ Ingilaandiin, Maanchister Siitiin Niiwukaastil Yuunaayitid 3 fi 1n moo'ateera.

Tapha Istaadiyeemii Iitihaaditti taphatame kanaan, Omaar Maarmuush goolii lama yoo galchu, Raayindars ammoo goolii tokko galcheera.

Antoonii Ilaangaan Niiwukaastiliif goolii tokko galcheera. Tapha duraatiin 2 fi 0 kan moo'ate Maanchister Siitiin, qabxii waliigalaa 5 fi 1n injifachuudhaan tapha xumuraatiif darbeera.

Injifataa yeroo saddeetii ‘Liig Kaappi’ Maanchister Siitiin, tapha xumuraa Arsenaal waliin Weembiliitti taphata.
54
6 2 7.3K

Обсуждение 6

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram
Открыть в Telegram