Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 26.01.2026 00:42 Скопировать Пожаловаться Maanchiister Yuunaayitid waggoota 9 booda Emireetisitti Arsenaal injifate **************************** Tapha torbee 23ffaa Piriimiyer Liigii Ingilaandiin, Maanchiister Yuunaayitid Arsenaal 3 fi 2n injifateera. Tapha Istaadiyeemii Emireetisitti taphatame kanaan Biriiyan Mbeemoo, Paatiriik Doorguu fi taphataan jijjiiramee seene Maatiyaas Kuunhaa Yuunaayitidiif goolii galchaniiru. Liisaandiroo Maartiineez (of irratti) fi Miikaa’eel Meerinoon ammoo Arsenaaliif taphattoota goolii galchanidha. Bara dorgommii kana yeroo jalqabaatiif dirree isaarratti kan moo’ame Arsenaal, Liigicha irratti walitti aansee yeroo sadaffaaf otoo hin injifatiin kan bahe yoo ta’u, sadarkaadhaan isatti aanee kan jiru Maanchiister Siitii waliin garaa garummaa qabxii qabu gara torbaatti deebisuuf carraa argate otoo hin fayyadamiin hafeera. Maanchiister Yuunaayitid Piriimiyer Liigiicha irratti waggaa sagal booda Arsenaaliin dirree isaa irratti injifachuu danda'eera. Torbee darbe Maanchiister Siitii kan injifate Leenjisaa Maayikil Kaariik, walitti aansee injifannoo galmeessisuudhaan qabxii 38n sadarkaa Liigichaatiin gara 4ffaatti ol dhufeera. ❤ 10 👍 9 👏 2 7.4K
Обсуждение 0
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram