Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 22.01.2026 08:14 Скопировать Пожаловаться Liivarpuulii fi Cheelsiin moo’atan ********************** Tapha 7ffaa Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti, Liivarpuul dirree isaatiin ala Maarseey waliin taphachuun 3 fi 0n moo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Veeldiroomitti taphatame kana irratti, Doominiik Sooboozlaay fi Koodii Gaakpoon Liivarpuuliif goolii galchaniiru. Dabalataanis Ruuliin ofirratti goolii tokko Liivarpuuliif galcheera. Injifannoo isaa 5ffaa kan galmeessise Liivarpuul, qabxii 15niin sadarkaa 4ffaa irratti argama. Gama biraatiin, Cheelsiin goolii tokko Mooyisas Kaayiseedoon galcheen Paafos 1 fi 0n moo’ateera. Leenjisaan haaraa Cheelsii Liiyaam Roozeniyeer, tapha Shaampiyoonsi Liigii isaa kan jalqabaa injifannoon eegaleera. Taphoota birootiin, Baarseloonaan Silaaviyaa Piraag 4 fi 2n, Niiwukaastiil Yuunaayitid PSV 3 fi 0n moo’ataniiru. Juveentus Beenfiikaa akkasumas Baayer Muuniik Seenti Giiloos goolii walfakkaataa 2 fi 0n injifataniiru. ❤ 35 👍 7 ✍ 1 6 2 6.7K
Обсуждение 6
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram