Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 19.01.2026 18:46 Скопировать Пожаловаться Saadiyoo Maanee Seeneegaal qofa Shaampiyoonaa taasise otoo hintaane, maqaa Afrikaa tolche – Xiinxaltoota Kubbaa Miilaa **************************** Saadiyoo Maanee Seeneegaal Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 35ffaa akka taatu godheera. Taphataan duraanii Liivarpuul fi Baayer Muniik 'Goota Seeneegaal' jedhamee leellifamaa jira. Dilbata Amajji 18, 2026 biyyi waancaa kana qopheessite Morokoon daqiiqaa 98ffaa irratti Peenaaliitiin yeroo kennameefitti leenjisaan Seeneegaal Peeppee Tiyaaw gareesaa dirree keessaa baase. Saadiyoo Maanee fi karra eegaan Seeneegaal Eduwaard Mendiin garuu taphattoonni Seeneegaal dirreetti deebisaniiru. Taphataan Morokoo Biraahim Diyaaz Peenaaliitii argamte yeroo rukkutu karra eegaan Seeneegaal salphaatti kubbattii qabatee oolche. Seeneegaal fi Morokoon 0 fi 0n dhumee yeroo dabalataa kenname. Seeneegaal saatii dabalame keessatti Morokoo 1 fi 0n moo'atte. Maaneen tapni kun isaaf Waancaa Afrikaa kan dhumaa akka ta'e dubbatee ture. Dursaa garee Seeneegaal kan ta'e Maaneen "Kubbaan miilaa waan addaati. Addunyaan nu daawwachaa ture. Uummanni addunyaa kubbaa miilaa jallata. Kubbaan miilaa madda gammachuu waan ta'eef bifa gaariisaa agarsiisuu qabna" jedhe. Falmiin waancaa kun diraamaadhaan kan guutame ture. Dhumarratti Maaneen garee isaa waliin ta'uun Waancicha injifateera. Taphataan Naajeeriyaa Daani'eel Amokaachii, "Maaneen karaa dheeraa deemee gareesaa gara dirretti deebisuun bu'aa guddaa argamsiiseera," jedhe. Taphataan duraanii Morokoo Hasan Kaachul ammoo, "Kubbaan miilaa Afrikaas, kubbaan miilaa ddunyaas kufuutti yeroo dhihaatetti Maaneen oolcheera" jedhe. Umuriin isaa wagga 33 kan ta'e Maneen, seenaa Waancaa Afrikaa isaa injifannoon goolabeera. Odeeffannoon kan BBCti ❤ 22 🥰 2 👎 1 1 2 6.7K
Обсуждение 1
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram