Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 17.01.2026 13:05 Скопировать Пожаловаться Yuunivarsiitii Aviiyeeshinii Itoophiyaa ogeessota Aviiyeeshinii gahumsa qaban horachaa jiru ****************************** Gareen Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, har'aa Yuunivarsiitii Aviiyeeshinii Itoophiyaatti balaliistota, ogeeyyota teekniikaa Xiyyaaraa fi keessummeessitoota balalii 457 leenjisaa ture eebbisiiseera. Hogganaa ol’aanaa Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasaw, Yuunivarsiitiin Aviiyeeshinii Itoophiyaa ogeessota Aviiyeeshinii gahumsa qaban horachuu kan itti fufu ta’uu dubbatan. Yuunivarsiitiin Aviiyeeshinichaa Afrikaa keessatti wiirtuu leenjii Aviiyeeshinii isa guddaa fi ammayyaa yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa biyyoota adda addaatiifis ogeessota gahumsa qaban leenjisaa jiraachuun himameera. #ebcdotstream #EBC #aviation ❤ 39 👍 6 👎 2 1 2 6.9K
Обсуждение 1
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram