Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 05.01.2026 16:45 Скопировать Пожаловаться Amoorim hojirraa ari'ame *************************** Maanchister Yuunaayitid leenjisaa isaa Ruuben Amoorim ji’oota 14 booda ofirraa ari'e. Tapha kilabichi gaafa Roobii Barnileey waliin qabu Daaran Fileecher akka itti gaafatama fudhatee hojjetu kilabichi ibseera. Ruuben Amoorim hoggantoonni ol’aanoo Maanchister Yuunaayitid hojii isaa gidduugaltummaa tokko malee akka hojjetuuf akka isaa eeyyamaniif jecha dhihoo dubbatee ture. Amoorim Jimaata darbe akka duubaan waa jiru ibsa amiidiyaaleef kenneen akeekee ture. Tapha Liids Yuunaayitid booda gaaffii miidiyaalee irraa dhihaataniif yeroo deebii kennu dubbii guddaa dubbachuun ajandaa ijoo miidiyaa ta’eera. Amoorim irra deddeebi'uun yeroo kontiraanni isaa dhumu akka deemu dubbate. Innis ji'a 18 keessatti kan xumuramu ta’uu himuun hanga sanatti na dhiisaa hojiikoon hojjedha jechuun hoggantoota olaanoo Maanchister Yuunaayitidiif dhaameera. Otoo leenjistoota kaan tahee silaa akkas hin tahu ture jechuun kan dubbate Amoorim hojii leenjisummaa isaa keessa kanneen galan akka jira hime. Odeeffannoon kan BBCti ❤ 29 👎 3 3 9.7K
Обсуждение 0
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram