Walakkaa torbee darbe kana Astoon Viilaa 4 fi 1n moo’achuun gara cimina isaa duraatti kan deebi’e Kilabni Kaaba Landan Arsenaal, injifannoo kana itti fufsiifachuuf taphni Istaadiyeemii Viitaaliitiitti Boornimaawuz waliin taphatu isa qoruu danda’a.
Arsenaal bara dorgommii darbe taphoota lama Boornimaawuz waliin taphate lamaanuu moo’achuun isaa ni yaadatama.
Arsenaal qaraa gartee qabxii sadarkaadhaan isatti aanee jiru wajjin qabu bal’ifachuuf tapha Boornimaawuz waliin taphatu kana irratti garuu, sababa miidhamaatiin Kiristiyaan Mooskeeraa, Riikaardoo Kaalaafiiyoorii fi Maaks Doowumaaniin kan hinhirmaatani.
Deekilaan Reeyis ammoo tapha kana irratti hiriiruu fi dhiisuun isaa hinmirkanoofne.
Обсуждение 2
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram