avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
03.01.2026 09:49
Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2028 keessummeessuuf gaaffii dhiheessite
*************************

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) bara 2028 irraa eegalee Waancaan Afrikaa waggaa afuriin akka taphatamu murteesseera.

Haaluma kanaan Waancaan Afrikaa kanaan dura bara 2029 akka taphatamu karoorfamee ture murtii Konfedereeshinichaa hordofuudhaan bara 2028tti akka taphatamu murtaaheera.

Waancaa Afrikaa bara 2029 keessummeessuuf fedhii qabaachuu kan ibsite Itoophiyaan, dorgommii guddicha ardii kana keessummeessuuf gaaffii dhiheessiteetti.

Akka miseensa Konfedereeshinichaatti Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaas mootummaa waliin mari’achuudhaan ‘CAF’fiif gaaffii dhiheessuu isaa, hogganaa ol’aanaan Federeeshinichaa obbo Baahiruu Xilaahuun ETVtti himaniiru.
21
😁 4
1 2 9.5K

Обсуждение 1

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram
Открыть в Telegram