Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 23.12.2025 18:02 Скопировать Пожаловаться Raashiyaan Gaazii uumamaa gara Chaayinaatti erguudhaan riikkardii haaraa galmeessite ********************************** Raashiyaan Gaazii uumamaa dhangala’aa gara Chaayinaatti ergitu kana bara 2024 irraa dachaa lamaan dabaluudhaan bara 2025tti meetiriik toonii miiliyoona 1.6 erguudhaan rikkardii haaraa galmeessite. Awustiraaliyaa fi Qaataar kanaan dura Chaayinaadhaaf dhiheessitoota Gaazii uumamaa gurguddoo ta’uun isaanii ni yaadatama. Haata’u malee Raashiyaan bara 2025tti dhiheessii Gaazii uumamaatiin Awustiraaliyaa caaltee, Qaataaritti aanuudhaan biyya lammaffaa Gaazii uumamaa Chaayinaaf dhiheessitu taateetti. Sababa muddama waldhabdee daldalaa Chaayinaa fi Ameerikaa gidduutti uumameen, fedhiin Gaazii uummamaa Chaayinaa qorree ture amma dadammaqaa jiraachuudha kan eerame. Dhiheessitoonni Gaazii Raashiyaas omisha isaanii dhiheessaa akka jiran ‘Sputnik’ gabaaseera. ❤ 48 😁 10 2 3 7.8K
Обсуждение 2
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram