avatar
Etv Afaan Oromoo
@etvafaanoromoo1
23.12.2025 10:01
Hogganaa ol'aanaa Itti aanaan EBC Abdurahmaan Rubee du'aan boqotan
****

Hogganaa ol'aanaa Itti aanaa Korporeeshinii Biroodkaastiing Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan obbo Abdurahmaan Rubee du'aan addunyaa kanarraa boqotan.

Obbo Abdurahmaan Rubee dhukkuba isaan muudateen erga wal'aanamaa turanii booda addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Sirni awwaalchaa obbo Abdurahman har’a ni raawwatama.

Obbo Abdurahmaan dhaabbilee miidiyaa adda addaa keessatti sadarkaa Rippoortaraatii hanga hogganaa itti aanaatti tajaajilaniiru.

Keessumaa OBN fi EBC keessatti Rippoortara irraa kaasanii hanga hoggansaatti tajaajilaniiru.

Akkasumas hanga guyyaa du'aan boqotan kanatti Hogganaa ol'aanaa Itti aanaa EBC ta'uudhaan tajaajilaa turan.

Obbo Abdurahmaan bultii dhasbbachuudhaan abbaa ijoollee sadii turan.

Korporeeshiniin Biroodkaastiing Itoophiyaa du’aan boqochuu hogganaa ol'aanaa itti aanaa isaa obbo Abdurahman Rubeetiin gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuudhaan, maatii, hiriyootaa fi waahillan isaatiif jajjabina hawwa.
16
😭 12
🔥 5
🥰 3
3 5.8K

Обсуждение 0

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram
Открыть в Telegram