Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 18.12.2025 17:48 Скопировать Пожаловаться Baayermuunik Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaatiin adabame ************************* Kilabicha adabbiidhaaf kan saaxile, tapha Shaampiyoons Liigii Awrooppaa Ispoortiing waliin qabuun gocha naamusa Ispoortii irraa fagaate raawwachuu isaatiin akka ta’e eerameera. Gochi Kilabichi raawwate kun, akkaataa adeemsa fayyummaa taphichaa jeequun deeggartoonni isaa daandiiwwan cufuudhaan wantoota abidda qabsiisan qabatanii mul’achuun isaanii himameera. Kana malees Arsenaal tapha Baayermuunik waliin wayita taphatetti gocha naamusa Ispoortii cabse raawwateera jedhamuun adabamuudha kan eerame. Sababa kanaan kilabichi Yuuroo kuma 100 fi kuma 16 adabameera. Dabalataanis tapha Muuniik ji’a Amajjii dhufu Seent Guwiiloos waliin taphatu irratti teessoon hangi ta’e deeggartoota isaatiif banaa akka hintaane adabamuudha kan himame. ❤ 16 🔥 2 😢 1 2 5K
Обсуждение 2
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram