Etv Afaan Oromoo @etvafaanoromoo1 18.12.2025 12:06 Скопировать Пожаловаться Waggaa sadan har’aa dura Arjantiinaa fi Liiyooneel Meesii ************************** Addunyaa Arabaa keessatti yeroo jalqabaatiif kan qophaahe Waancaan Addunyaa xumura erga argatee har’a waggaa sadi ta’eera. Seenaa waancaa addunyaa waggoota 95 keessatti taphoota xumuraa bareedaa mul’atan keessaa ammoo, taphni Arjantiinaa fi Firaans Waancaadhaaf taphatan isa tokko ture. Tapha xumuraa daqiiqaa 120 fudhate sun irratti, Liiyooneel Meesiin Arjentiinaadhaaf goolii lama kan galche yoo ta'u, Aanheel Dii Maariyaa ammoo goolii hafte galchuun isaa ni yaadatama. Firaans hatirikii Kiiliyaan Mbaapeen hojjetetti gargaaramuun gar rukuttaa gargara baaftuutti qajeeltullee, Waancicha garuu biyya warra Meesii harkaa fudhachuu hindandeenye. Sa’udii Arabiyaa moo’amuun kan jalqabde Arjantiinaan, tapha xumuraa Istaadiyeemii guddicha Luusiyeelitti taphatame sun irratti bara 2018titti Waancaa Adunyaa kan injifatte Firaansiin rukuttaa adabbiitiin injifachuun ishee ni yaadatama. Ulfina guddaa kana argachuuf waggoota 36 eegaa kan ture biyyi Kibba Ameerikaa kun, dursummaa Liiyooneel Meesiitiin injifannoo sun galmeessiteetti. Waancaa Addunyaa irraa kan hafe biyya isaa fi Kilaba isaa waliin waancaa hunda kan injifate moo’ataan yeroo saddeet Baaloon D'Or Meesiin, qeeqxota isaa kan ittiin afaan qabachiise qofa otoo hin taane, bara xumuraa tapha kubbaa miilaa isaas seenaa miidhagaan kan itti goolabedha. ❤ 19 👍 2 🔥 2 1 5.8K
Обсуждение 0
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram