avatar
Ethiopia Check
@ethiopiacheck
20.11.2024 18:07
#FakeAccountAlert Akkaawuntii X (Tiwiitaraa) sobaa maqaa Obbo Jawaar Mahaammadiin baname irraa of yaa eegnu!

Akkaawuntiin X (Tiwiitaraa) sobaa maqaa Obbo Jawaariin baname odeeffannoowwan garagaraa qoodaa akka jiru hubanneerra.

Akkaawuntiin maqaa ‘Jawar Muhammad’ jedhufi hordoftoota 380 ol qabu kun ji’oota darban keessa odeeffannoowwan heddu maxxanseera.

Odeeffannoowwan akkaawuntichi tibbana qoode keessaa tokko immoo ergaa baga gammaddanii mootummaan Itoophiyaa dhiyeenya kana Pirezidaantii Somaalilaand ta’anii kan filaman Abdiraahmaan Mohammad Abdullaahiif dabarse ni argama.

Maxxansa kana keessatti akkaawuntichi bifa safuun ala ta’een Pirezidaantii Somaaliyaa kan ta’an Hasan Sheek Mohaammud qeeqee jira.

Obbo Jawaar gama isaaniitin akkaawuntiin kun kan isaanii akka hintaane akkaawuntii Tiwiitaraa isaanii sirrummaan isaa mirkanaa’e fi hordoftoota kuma 349 ol qaburratti beeksisaniiru.

Odeeffannoon akkaawuntii sobaa irratti qoodames akkaawuntii isaanii isa sirriirra akka hinjirre mirkaneessineerra. Akkaawuntiin X Obbo Jawaar Mahaammad inni sirriin geessituu kanaan argama: https://x.com/jawar_mohammed?s=21&t=dmcdufxK8i9nmLEWi2-yGQ

Gama biraatiin akkaawuntiin X sobaa maqaa nama siyaasaa kanaan ALI Waxabajjii 2016 baname ji’oota muraasa darban keessatti odeeffannoowwan 390 ol qooduu isaa ilaallee jirra.

Akkaawuntiiwwan fi fuulawwan miidiyaalee hawaasaa sobaa maqaa namoota fi dhaabbilee beekamootiin banaman odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif ofeeggannoo yaa taasifnu.

@EthiopiaCheck
👍 8
2
8.3K

Обсуждение 0

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram

Ethiopia Check

24.9K
ኢትዮጵያ ቼክ በማህበራዊ ሚድያ እና በመደበኛ ሚድያዎች የሚቀርቡ ሀሰተኛ መረጃዎችን በማጣራት ስራዎቹን ለተከታታዮቹ ያቀርባል።
Открыть в Telegram