-Fakkeessuu: Qaamoleen miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun gochaalee goyyomsuu raawwatan asxaa, chaappaafii teessoo dhaabbilee beekamoo baay’inaan fayyadamu. Maqaafii asxaa dhaabbilee kunneenii fayyadamuun akkaawuntiiwwan miidiyaalee hawaasaa banuufii xalayaa sobaa fakkeessanii qopheessuunis beekamu. Fuulawwan yookiin akkaawuntiiwwan miidiyaalee hawaasaa sobaa akkasumas xalayaawwan fakkeeffamanii qophaa’aniin akka hin goyyomfamnes ofeeggannoo gochuun barbaachisaadha.
Gochaalee goyyomsuu miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun raawwatamaniif akka hinsaaxilamne ofeeggannoo yaa taasifnu, hawaasa keenyas yaa hubachiisnu.
@EthiopiaCheck
Обсуждение 0
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram