Cooperative Bank of Oromia @coopbankoromia 16.03.2026 08:52 Скопировать Пожаловаться Cooperative Bank of Oromia Фото: Медиафайл Ilaalcha Malee, Miidhamni Qaamaa Akeeka Ofii Galmaan Gahuu Irraa Nama hin Danqu Srikanth Bolla ALA bara 1991tti baadiyyaa Andhra Pradesh, Indiyaa keessatti dhalate. Maatiin isaa harka qalleeyyiin, daa’ima isaanii qaroo ija isaa dhabee dhalate yommuu guddifatan barumsa akka argatu hedduu yoo dhama’anis, firoottanii fi hawaasni naannoo, daa’ima isaanii irraa akka abdii kutatan dhiibbaa taasisaa turan. Erga mana barnootaa seenees, qaroo dhabuun isaa barnoota Saayinsii Uumamaa akka hin baranne dhorkamuu dabalatee, dhiibbaawwan adda addaaf isa saaxileera. Haata’u malee, dhiibbaa irra gahuun mo’atamee osoo harka hin kennin, deeggarsa maatii isaatiin barnoota isaa itti fufuun mul’ata isaa milkeessuuf carraaqeera. Bu’aa ba’iiwwan jireenya isaa keessatti loogiiwwan isa mudachaa turan namoota biroo irratti akka hin dhaqqabne hojii hubannoo uumuu fi akkaataa dinagdeen of gahoomsuun danda’amu irratti Indiyaa keessatti hojii hedduu hojjateen milkaa’ee fudhatama argateera. Mul’ata isaa milkeessuuf halkanii guyyaa kan dhama’u Sirkanth Bolla, liqaa hojii xiqqaa ittiin eegaluuf baankii irraa liqeeffateen, warshaa xiqqaa meeshaalee mana keessaafi miidhaginaaf oolan oomishu hundeessee daldala keessa seene. Waarshaa isaa kana keessatti hojjattoota muraasa of jalatti qacaruun, hojii isaa jabeeffachuun haalaan oomishuun gabaaf dhiyeessuun galii guddaa argachuu danda’e. Dhaabbata ‘Bollant industirii’ jedhu moggaasuun kanneen akka isaa qaama miidhamoo ta’aniif carraa hojii fi barnootaa banee, maqaa guddaa argate. Milkaa’ina isaa kanaan, badhaasota bebbeekamoo biyya isaa Indiyaa fudhachuus danda’eera. Abbaa qabeenyaa guddaa ta’uunis biyya isaa keessatti toorawwan hojii hedduu keessatti qooda fudhateera. Miidhamni qaamaa mul’ata ofii galmaan gahuu irraa akka nama hin danqine, seenaa kana irraa barachuu ni dandeenya. አመለካከት እንጂ፣ የአካል ጉዳት ራዕይን ከማሳካት አያግድም ስሪካንት ቦላ እ.ኤ.አ በ1991 ህንድ ሀገር በአንዳራ ፕራዴሽ ገጠራማ አካባቢ ተወለደ። ደሃ ቤተሰቦቹ የዓይን ብርሃኑን አጥቶ የተወለደውን ልጃቸውን ሲያሳድጉ የትምህርት ዕድል እንዲያገኝ ብዙ ቢጥሩም፣ ዘመድ አዝማድና የአካባቢው ማህበረሰብ ደግሞ በልጃቸው ተስፋ እንዲቆርጡ ተጽዕኖ ሲያደርጉ ነበር። ትምህርት ቤት ከገባ በኋላም የዓይኑን ብርሃን ማጣቱ የተፈጥሮ ሳይንስ እንዳይማር ማድረግን ጨምሮ ለተለያዩ ተጽዕኖዎች አጋልጦታል። ይሁን እንጂ ለሚደረግበት ጫና እጅ ባለመስጠት በቤተሰቦቹ እርዳታ ትምህርቱን በመቀጠል ራዕዩን ለማሳካት ጥሯል። በህይወቱ ወጣውረድ ሲያጋጥሙት የነበሩ መድሎዎች፤ በሌሎች ሰዎች ላይ እንዳይፈጸሙ ግንዛቤ ማስጨበጥና በኢኮኖሚ እራስን ማብቃት እንዴት እንደሚቻል በማስተማር፤ በህንድ ውስጥ በርካታ ሥራዎችን በመሥራት ተሳክቶለት ተቀባይነት አግኝቷል። ራዕዩን ለማሳካት ቀን ከሌት የሚጥረው ስሪካንት ቦላ፤ አነስተኛ የንግድ ሥራ ለመጀመር ከባንክ በወሰደው ብድር፤ የቤት ዕቃዎችንና የመዋቢያ ቁሳቁሶችን የሚያመርት ፋብሪካ በማቋቋም ወደ ሥራ ገባ። በዚህ ፋብሪካው ጥቂትት ሠራተኞችን በሥሩ በመቅጠር ሥራውን በማጠናከር በጥሩ ሁኔታ አምርቶ ለገበያ በማቅረብ ከፍተኛ ገቢ ማግኘት ጀመረ። ‘ቦለንት ኢንዱስትሪስ’ የሚባል ተቋምን መስርቶ እንደርሱ የአካል ጉዳተኛ ለሆኑ ወገኖቹ የሥራ ዕድል ከፍቶ ታላቅ ሰም አግኝቷል። በዚህ ስኬቱም በሀገሩ ኢንዲያ ታዋቂ የሆኑ በርካታ ሽልማቶችን ሊወስድ ችሏል። የትልቅ ሀብት ባለቤት በመሆን በሀገሩ በርካታ የሥራ ዘርፎችን በመቀላቀል አስተዋጽኦ አድርጓል። የአካል ጉዳት ራዕይን ከማሳካት እንደማያግድ ከዚህ ታሪክ መረዳት ይቻላል። #Coopbank #MondayMotivation #Inspiration #Entrepreneurship #NeverGiveUp #SrikanthBolla ❤ 18 👍 6 2 7.7K
Обсуждение 0
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram