avatar
Hijra Bank
@HijraBank
15.04.2026 21:17
Hijra Bank Фото: Медиафайл
ሂጅራ ባንክ ከሥራ እና ክህሎት ሚኒስቴር ጋር ስትራቴጂካዊ አጋርነት ተፈራረመ!

Baankiin Hijraa Ministeera Hojii fi Ogummaa Waliin Waliigaltee Istiraateejii Mallatteesse.

በሂጅራ ባንክ እና የኢፌዲሪ ሥራ እና ክህሎት ሚኒስቴር መካከል በውጭ ሀገር የሥራ ስምሪት፣ በሐዋላ አገልግሎት እና በስደት ተመላሾች ዙሪያ በጋራ ለመሥራት የሚያስችል ስትራቴጂካዊ የመግባቢያ ስምምነት (MoU) ተፈርመዋል።

ስምምነቱ በኢ.ፌ.ድ.ሪ ሥራና ክህሎት ሚኒስቴር ሚንስትር ወ/ሮ ሙፈሪያት ካሚል እና የሂጅራ ባንክ ዋና ስራ አስፈፃሚ አቶ ዳዊት ቀኖ መካከል የሁለቱም ተቋማት ከፍተኛ አመራሮች በተገኙበት ተደርጓል፡፡

በስምምነቱ ወቅት ንግግር ያደረጉት ሚኒስተሯ ኢትዮጵያ በረካታ ብዝሃነት ባለቤት ናት ያሉ ሲሆን ፋይናንሻል አካታችነትን በማረጋገጥ ረገድ ሸሪዓዊ መሰረትን ያደረገ የፋይናንስ ተጠቃሚ ለሆኑ ደንበኞች ለማገልገል ሂጅራ ባንክ ትልቅ ግብዓት መሆኑን ጠቅሰዋል።

በሌላ በኩል የሂጅራ ባንክ ዋና ሥራ አስፈፃሚ በበኩላቸው ባንኩ ከተመሰረተ አምስት አመታት ቢሆንም በፈጣን እድገት ላይ እንደሚገኝ ገልፀዋል።

ዋና ስራ አስፈፃሚው አክለውም ሂጅራ ባንክ አካታች የፋይናንስ ስረዓት ከመዘርጋት ባሻገር የወጣቶች የስራ ፈጠራን ለማበረታታት ሲራራ አዋርድ በማካሄድ መጠነ ሰፊ ተግባራትን ማከናወኑን ጠቅሰው የዲጂታል ፋይናንስን በመዘረጋት ለአነስተኛ ኢንተረፕራይዞች የሃላል ፋይናንስ ተደራሻ መደረጉን አስታውቀዋል።

ሁለቱ ተቋማት በጋራ መስራታቸው የዜጎችን ዘርፈ-ብዙ የኢኮኖሚ ጥያቄዎችን በተቀናጀ መልኩ ለመመለስ መደላደልን እንደሚፈጥር በመድረኩ ተመላክቷል።

ለሦስት ዓመታት የሚቆየው ስምምነት ፣ ዜጎች በውጭ ሀገር በሚኖራቸው ቆይታ መብታቸው እንዲጠበቅ እና ከሚያገኙት ገቢም ተጠቃሚ እንዲሆኑ የሚያስችሉ ተግባራትን ያካትታል።

ይህ አጋርነት ዜጎች በሥነ-ምግባር የታነፀ የሥራ ስምሪት እንዲያገኙ ከመደገፍ ባለፈ፣ የሀገሪቱን የውጭ ምንዛሬ ግኝት በማሳደግ ረገድ የላቀ ፋይዳ ይኖረዋል ተብሎ ይታመናል።

ሂጅራ ባንክ
ጉዞ ወደ ብሩህ ተስፉ

Baankiin Hijraa Ministeera Hojii fi Ogummaa Waliin Waliigaltee Istiraateejii Mallatteesse.

Baankii Hijraa fi Ministeera Hojii fi Ogummaa FDRI giddutti dhimmoota hojii biyya alaa, tajaajila hawaalaa fi lammiilee godaansarraa deebi’an irratti waliin hojjachuu dandeessisuf Waliigalteen Hubannoo (MoU) mallatteeffameera.

Sirni mallattoo waliigaltee kun Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa FDRI Aadde Mufaariyaat Kaamiil fi Hoji-gaggeessaa Ol'aanaa Baankii Hijraa Obbo Daawit Qannoo giddutti, bakka hoggantoonni ol'aanoon dhaabbilee lameenii argamanitti raawwatameera.

Yeroo sirna kanaatti haasawa kan taasisan Ministeerri Hojii fi Ogummaa FDRI Itoophiyaan biyya baay’ina hedduu qabdu ta’uu eeranii; dhiheessii tajaajila faayinaansii bu’uura Shari’aa godhate babal’isuu fi hirmaannaa faayinaansii mirkaneessuu keessatti Baankiin Hijraa shoora guddaa akka taphatu ibsaniiru.

Hoji-gaggeessaa Ol'aanaan Baankii Hijraa gama isaaniitiin, baankichi erga hundaa’ee waggoota shan qofa ta’us guddina ariifachiisaa irratti akka argamu ibsaniiru.

Dabalataan, baankichi sirna faayinaansii hirmaachisaa ta’e diriirsuun cinatti, kalaqa hojii dargaggootaa jabeessuuf sagantaa "Siraaraa Awwaard" jedhamuun hojiiwwan bal’aa hojjachuu isaa dubbataniiru. Akkasumas, tajaajila faayinaansii dijiitaalaa babal’isuun intarpiraayizoota xixiqoodhaaf faayinaansiin "Halaalaa" akka dhaqqabu taasifamuu isaa yaadachiisaniiru.

Dhaabbileen lameen qindoominaan hojjachuun isaanii gaaffiiwwan diinagdee lammiilee karaa qindaa’een deebisuuf carraa guddaa akka uumu waltajjicharratti ibsameera.

Waliigalteen waggoota sadiif turu kun, Lammiilee biyya alaa deeman tajaajila faayinaansii ammayyaa akka argatan taasisuu, Mirgi lammiilee yeroo biyya alaa turanitti akka kabajamu deeggaruu fi Galii argatan irraa akka qusatanii fi fayyadamoo ta'an dandeessisuu dabalata.

Michummaan kun lammiilee hojii naamusaan uffatame akka argatan deeggaruu bira darbee, galii sharafa alaa biyyattii guddisuu keessatti faayidaa Ol'aanaa qabaata jedhamee  amanama.

Baankii Hijraa
Imala gara egeree ifaa!
27
👏 7
3 2.2K

Обсуждение 0

Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.

Обсудить в Telegram

Hijra Bank

18.6K
Journey to a bright future
Hijra Bank is a full-fledged interest free Bank in Ethiopia joined the financial industry in 2021
Открыть в Telegram