Deeggarsi kun Ulamaa’ota, Mu’aazzinoota, Maanguddoota, Ijoollee abbaa fi haadha hin qabne, Qaama miidhamtoota Akkasumas Hidhamtoota Manneen Amala Sirreessaa keessatti Argaman Kan uf keessatti hammateedha.
Erga Gara Hojiitti Seenee Waggaa 5 kan lakkoofsiise Baankiin Hijraa, Baajata Waggaa kanaa Keessatti Sagantaa sadaqaa dabalatee dameewwan adda addaatiin itti gaafatamummaa hawaasummaa (CSR) Bahachuuf Qarshii miiliyoona 23 ol baasii taasiseera. Dabalataanis, Seenaa Faayinaansii Itiyoophiyaa keessatti Dhaabbata Jalqabaa Ta’uun Koomishinii Zakaa fi Awqaafiitiif Qarshii miiliyoona 10 ol kaffaluun Hojii Fakkeenyummaa qabu Raawwachuun isaa ni yaadatama.
Обсуждение 0
Обсуждение не доступно в веб-версии. Чтобы написать комментарий, перейдите в приложение Telegram.
Обсудить в Telegram